Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri fayyaa Godina Geedi’ootti Duula Talaallii Pooliyoo eegalchiise

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2014 (FBC) – Ministiri Deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa Godina Geedi’oo Magaalaa Diillaatti Duula Talaallii Pooliyoo Biyyaalessaa ifatti eegalchiisan.
Fayyaa hawaasaa eeguuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Dooktar Darajjeen ibsaniiru.
Sadarkaa biyyaalessaatti Talaalliin dhibee Pooliyoo Onkololeessaa 12-15, 2014tti kennamu har’a eegaleera.
Talaallii kun daa’immaan kuma 17 fayyadamoo kan taasiisuu ta’uu Dooktar Darajjeen ibsaniiru.
Sirna jalqabbii duula talaallii Pooliyoo magaalaa Diillaatti gaggeeffame kanarratti Hogganaa Biiroo Eeggumsa Fayyaa Naannoo Ummattoo Kibbaa obbo Indashawu Shibbiruu fi Bulchaa olaanaan Godina Geedi’oo dabalatee hoggantoonni olaanoon argamuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Geedi’oorraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.