Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaata namoota hanga ammaatti vaayrasii koroonaan qabaman keessa %67 baatii Adoolessaa keessaa kanneen qabaman ta’uu ibsame

Finfinnee, Hagayya 1, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoota hanga ammaatti vaayrasii koroonaan qabaman 20,900 keessa %67 baatii Adoolessaa keessaa kanneen qabaman ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Magaalaa Finfinneetti dagannaa uummameen lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii daraan dabaluu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
 
Hanga Adoolessa 29, 2012 namoota vaayrasichaan qabaman kuma 20 fi 336 keessaa %70 jiraattoota magaalaa Finfinnee ta’uu ibsameera.
 
Keessattuu kutaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Boolee fi Gullalleetti lakkoofsi hedduun muul’ateera jedhan Dooktar Liyaan.
 
Namoota hanga ammaatti lubbuun isaanii darbe keessaa %80 magaalaa Finfinnee keessatti kan galmaa’e ta’uu ibsaniiru.
 
Magaalichaatti qulqullina harkaa fi fageenya ofii eegurratti hanqinni guddaan muul’achuu hamameera.
 
Weerarichi Ityoophiyaa seenaa guyyoota 79 keessatti vaayrasichi namoota kuma 1 qofarratti muul’atee ture, yeroo ammaa guyyoota lamaa gaditti namoota kuma 1 olirratti argamaa jiraachuu Dooktar Liyaan ibsaniiru.
 
Biyyoota Afrikaa weerarichi daraan keessatti babal’achaa jiru 10 keessaa Ityoophiyaan ishee tokko ta’uu himaniiru.
 
Maddi:-TOI
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.