Fana: At a Speed of Life!

Biirichi  kutaa hawwsaa damee diinagdee garaagaraarratti bobba’aniif deeggarsa Inshuraansii Fayyaa hawaasaa taasise

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC) – Biiroon Eegumsa Fayyaa Magaalaa Finfinnee kutaa hawwsaa damee diinagdee garaagaraarratti bobba’aniif deeggarsa Inshuraansii Fayyaa hawaasaa taasisuu ibsame.

Biirichi kutaa hawaasaa qonna magaalaa, hojiilee Interpiraayizii fi Maayikiroo xixiqqaa, Daldalaa fi hojii guyyaarratti bobba’aniif deeggarsa Inshuraansii Fayyaa hawaasaa taasisuu ibsameera.

Bulchiinsi magaalichaa kutaa hawaasaa kuma dhibba 2 fi kuma 31 ol ta’aniif deeggarsa Birrii mmiiliyoona 29 ol taasisuun bilisaan tajaajila waldhaansaa akka argatan gochuu hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Magaalaa Finfinnee Dooktar Yohaannis Caalaa ibsaniiru.

Kaabinee haaraan magaalichaa walga’ii isaa jalqabaan dhimmoota hawaasummaaf dursa kennuun Abbootii warraa kuma dhibba 2 fi kuma 88’f deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 44 taasisuu isaatiif galateeffataniiru.

Hawaasni guyyaan galmee Inshuraansii fayyaa hawaasaa  Onkololeessa 15-Sadaasa 30, 2014tti ta’uu hubachuun galmaa’uun fayyadamoo tajaajilichaa akka ta’aniif ergaa dabarsaniiru.

Siisay Geetinattu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.