Fana: At a Speed of Life!

Hojiin qophii duraa giddugala  yaalaa fi dursanii ittisuu  Vaayirasii Nooveelii Koroonaa daawwatame

Finfinnee, Amajjii 22, 2012 (FBC) – Ministir deettaan Ministeera Faayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaa, bakka bu’oota dhaabbata fayyaa addunyaa fi bakka bu’oota CDC waliin hojii qophii duraa giddugala yaala fi dursanii ittisuu Vaayirasii Nooveelii Koroonaa daawwataniiru.

Dhibeen vaayirasii koroonaa gara Ityoophiyaa akka hin galleef dursanii ittisuu fi of eeggannoo godhamu, akkasumas hojiileen deebii balaa tasaa hojjetamaa jira.

Buufata Xiyyaaraa Boolee Idila Addunyaatti  hojiin qophii duraa hoo’ina ilaaluu fi kutaan  hordoffii yeroo daawwatameera.

Jilli kun qophii hojii giddugala of eeggannoo duraa fi  yaala dursanii ittisuu walii galaa erga daawwatee booda yaada gorsaa laateera.

Hojiin qophii duraa giddugala yaalaa kun haalaan qophaa’aa jiraachuu Dooktar Liyaan dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Fayyaa irraa argame ni mul’isa.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.