Fana: At a Speed of Life!

Aadaan Diimookiraasii akka dagaaguu fi nageenyi waaraan akka bu’uuf ni hojjenna – Mana Maree Federeeshinii

Finfinnee, Caamsaa 8, 2014 (FBC) – Aadaa Diimookiraasii dagaagsuu fi nageenya waaraa mirkaneessuuf kan hojjetu ta’uu Manni Maree Federeeshinii ibse.
Manni marichaa hoggantoota qaamolee haqaa naannoolee fi bulchiinsa magaalootaa waliin marii gaggeessaa jira.
Aadaa Diimookiraasii dagaagsuu fi nageenya waaraa mirkaneessuuf kan hojjetan ta’uu Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar ibsaniiru.
Uummanni yaadama federaalizimii fi heera mootummaa akkaan akka hubatanii fi qoodiinsi baajataa haqa qabeessa akka ta’uuf kan hojjetan ta’uu obbo Aganyahu Tashaagar dubbataniiru.
Mirgi heera mootummaa Sabaaf sablammootaa akka mirkanaa’uu fi tokkummaa fi jaalalaan waliin akka jiraataniif hojiin jajjabeessaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Kaayyoon waltajichaa hubannoo hiikaa Heera mootummaa guddisuuf ta’uu ragaan Mana Maree Federeeshiniirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.