Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Abeebee jiraattoota magaalichaa waliin giddugala biqiltuu Gullallee keessaatti biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2013 (FBC)- Itti aantuun Kantiibaa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee jiraattoota magaalichaa waliin giddugala biqiltuu Gullallee keessaatti biqiltuu dhaabaniiru.

‘Biyyaa dhaaltootaan Ashaaraa Magariisaan Ityoophiyaa Haa uwwisnu’ jedhuun barattoota manneen barnoota garagaraa irraa barattoota, barsiisootaa fi hoggantoota hawaasaa barnootaa kuma 30 ol ta’aniin biqiltoonni dhaabamaniru.

Wayita barataa turreetti Waxabajji 30 waggaa guutuu barnoota baranneen bu’aa keenyaa beekuuf guyyaa itti eegnuu dha kan jedhan Aadde Adaanach, har’a ammoo barattoonni Ityoophiyaa haa uwwisnu jechuun biqiltu dhaabuun ashaaraa isaani kaa’uu himuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.