Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach ergaa baga ayyaana Iid Al Faxirii geessanii dabarsan

Finfinnee, Caamsaa 4, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebaa hawaasa Musiliimaa fi Ummata Ityoophiyaa maraaf ergaa baga Ayyaana Iid Al Faxirii dabarsaniiru.
Aadde Adaanch,hawaasaa Musiliimaa biyya keessaa fi alaan maraan baga Ayyaana Iid Al Faxirii yeroo 1442ffaaf kabajamuun nagaan isin ga’e jedhan.
Ayyaanni Iid Al Faxiriin bara kanaa wayita kabajnu qormaata hedduu keessa darbuun ta’uu isaa hubachuun tokkummaa, jaalala, obbola’ummaa, nageenya, hanqina tokko tokkoof uwwisuun ta’uu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Aadde Adaanach ayyaanicha hordoftoota amantichaa maraaf ayyaana gaarii akka ta’uu hawwaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.