Fana: At a Speed of Life!

Aadde Mufariyaat bakka buutoota dhaabblee deeggartootaa idil addunyaa fi dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Nageenyaa Aadde Mufariyaat Kamiil bakka buutoota dhaabblee deeggartootaa idil addunyaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin Intarneetiin mari’ataniiru.
Aadde Mufariyaat duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame hordofee raabsa deeggarsa midhaan nyaataa fi meeshaalaa nyaatan alaa ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Hammi deeggarsa taasiifamuu yeroo gara yerootti dabalaa dhufuu ibsaniiru.
Dhaabbileen tajaajila ummta tajaajiluu eegaluus himaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa dhaabbilee idil addunyaa garaagaraa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Yaa ta’uutii hojiilee hojjetamaan hawaasa idil addunyaaf beeksiisuurratti hanqinni jiraachuu himaniiru.
Marii taasiisan keessatti gaaffiilee dhaabbilee deeggartootaa idil addunyaarraa ka’aniif aadde Mufariyaat deebii laachuu isaanii ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.