Fana: At a Speed of Life!

Aadde Mufariyaat Kamiil ergamaa Addaa Ingiliiz waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 14, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Nageenyaa Aadde Mufariyaat Kamiil jila ergamaa Addaa Ingiliiz Miisteer Niik Daayeeriin durfamu waliin dhimmoota waqtaawaarratti mari’ataniiru.
Mootummaan federaalaa haaluma ulaagaa idil addunyaan lammiilee naannoo Tigraayiif dhiyeessii deeggarsa namoomaarratti itti gaafatamummaa isaa ba’achaa jiraachuu fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliinis qindoominaan hojjechaa akka jiru Aadde Mufariyaat kaasaniiru.
Dhaabbileen Idil addunyaa lammiilee naannoo Amaaraa fi Afaarii buqqa’aniif xiyyeeffannoo laachuu akka qaban eeraniiru.
Konkolaattoonni dhiyeessii midhaan nyaataa fe’uurratti bobba’an waraanaaf oolchuun deeggarsa namoomaarratti dhiibbaa uumuu himaniiru.
Qaamolee lammiilee hiraarsuun bu’aa siyaasaa argachuuf socho’aa jiran hawaasni idil addunyaa haalaan qeequu akka qaban gaafachuu isaanii ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.