Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Habrootti torbee tokko keessatti yeroo 2ffaaf balaa konkolaataa mudateen lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Amajjii 23, 2014 (FBC) – Godina Harargee Lixaa Aanaa Habrootti balaa konkolaataa muudateen lubbuun namoota 2 yoo darbu, namoota 8 irra miidhaan qaqqabuu ibsameera.
Konkolaataa deddeebisa Ummataa ‘ISUZU’ Magaalaa Baddeessaarraa gara Magaalaa Galamsootti imalaa ture Konkolaataa fe’umsaa ‘ISUZU’ jimaa fe’ee Galamsorraa gara Baddeessaa imalaa ture waliin Aanaa Habroo iddoo Bishooftuu Sukaayee jedhamutti walitti bu’uun miidhaan kana qaqqabsiisuu himameera.
Balaa qaqqabeen battalumatti lubbuun namoota 2 yoo darbu,nammoota 3 miidha cimaa, namoota 5 irraa ammoo miidhaa salphaan ga’uu Qindeessaan tiraafikaa Aanaa Habroo Saajiin Olaanaa Indaalaa Dastaa ibsaaniiru.
Ka’umsi balichaa ariitii seeraa alaa ta’uu eeraniiru.
Aanichatti balaan konkolaataa lubbuu galaafate torbaan tokko keessatti isa lammaffaa ta’uu OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.