Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Alangaa Waliigaa buufataalee poolisii haaroomsuu fi haaraa ijaaruuf kan oolu Birrii miiliyoona 20 deeggarasa taasise

Finfinnee, Caamsaa 26, 2012 (FBC) – Abbaan Alangaa Waliigaa buufataalee poolisii haaroomsuu fi haaraa ijaaruuf kan oolu Birrii miiliyoona 20 deeggarasa taasise.
 
Walii galteen deeggarsa kun Haadha Alangaa Waliigalaa aadde Adaanachi Abeebee fi Koomishinara Komishiinii Poolisii magaalaa Finfinnee Geetuu Argaaw gidduutti mallatta’eera.
 
Deeggarsi taasifame buufataalee 10 ijaaruuf kan oolu ta’uu aadde Adaanachi Abeebee ibsaniiru.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hojii hojjetamuu fi tajaajila sa’ataa fi dhaqqabama ta’ee laachuuf deeggarsi taasifame qooda olaanaa qabaachuu Koomishinarri Komishiinii Poolisii magaalaa Finfinnee Geetuu Argaaw himaniiru.
 
Ijaarsi proojaktoota kanneenii baatiiwwan 6n dhufan keessatti kan raawwataman yoo ta’u, tajaajila fooyya’aa laachuuf tattaaffii godhamu ni gargaara jedhamee eeggama.
 
Tigist Abrahaamtu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.