Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin Amantaalee Ayyaana Dhalachuu Yesuus Kiristoos sababeeffachuun erga baga ittin isiin gahee dabarsan

Finfinnee, Mudde 27, 2016 (FBC)- Abbootiin Amantaalee Ayyaana Dhalachuu Yesuus Kiristoos sababeeffachuun erga baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Manni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa fi Manni Amantaa Kaatolikii Itiyoophiyaa Ayyaana Dhalachuu Yesuus Kiristoos (Ayyaana Qillee) sababeeffachuu erga baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Paatiriyaarkiin Mana Amantaa Ortodoksii Abuuna Maatiyaas erga dabarsaniin, Dhalachuu Gooftaa Yesuus agarsistuu nageenyaa, qajeelummaa fi jalaala ta’uu eeruun, wayita ayyaanicha kabajnus kana yaadachuun ta’uu qaba jedhan.

Wayita ayyanicha kabajnu lammiilee hongee fi rakkoolee garagaraaf saaxilaman gaafachuu fi deeggarsa taasisuun ta’uu akka qabu Abuna Maatiyaas gaafataniiru.

Kaardinaalli Mana Amantaa Kaatooliikii Itiyoophiyaa Birhaana Iyyasuus gama isaaniin, uumaan hariiroo dhalaa nama waliin qabu haroomsuun lafaa fi samii walitti araarsuuf akka namatti foon uffateera jedhan.

Wayita ayyaanicha kabajnu miira ofittummaa keessaa bahuun, lammiilee beela’anii fi dheebotan yaadachuun, kanneen dhukkubsatan gaafachuun, akkasumas lammiilee rakkoolee garaagaraa keessaa jiraniif hirkaata ta’uun akka qabu ibsaniiru.

Gama biraatiin, Pireezidaantiin Waldaa Warra Wangeelaa Makkaana Yesuus Itiyoophiyaa Luba Dooktar Yoonaas Iggazuun ibsa kennaniin, waggaa waggaan guyyaa dhaloota Gooftaa Yesuus Kiristoos kan kabajnu Waqayyo uumaan keenya tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti ergun ilmaan namaa ofitti ararsuu fi gocha guddaa inni raawwate yadachuudhan isaa galateeffachuudhaafi jedhaniiru.

Ayyaanni namni ofii isaa duwwaaf utuu hin ta’in waliifis jiiraachuun akka maluu nu yaadachiisuu qaba jedhan

Kanaafis, namoota haala adda addaa irraa kan ka’e rakkina keessa jiran hundumaaf, walumaa galatti warra jireenyi itti hir’ate ammas ta’u yeroo hundumaatti birmachuufii, arjummaanis wal yaadachuu, gaarummaa duwwaa waliif hawwuu fi nagaas waliif akka fedhan dhaamaniiru.

Beeteliheem Makuwaanintii fi Maahileet Taklabirhanitu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.