Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa biyyoota alaa  Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsan

Finfinnee, Amajjii 19, 2015(FBC)- Abbootiin qabeenyaa biyyoota alaa Ityoophiyaatti dameewwan invastimantii Baankiifi Infoormeeshin Kominikeeshiniirratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsan.

Abbootiin qabeenyaa biyyoota alaa  Fooramii Invastimantii “Invast Orijins 2023” guyyaa kaleessaa magaalaaa Finfinneetti banamerratti hirmaatan Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti hirmaachuuf karoora qabaachuu ibsaniiru.

Bakka Bu’aan Daldala Kuwaatar Dohaafi Giddugala Baha Afrikaa obbo Yaasin Mahaammad, dhaabbanni isaanii ijaarsa dandeettiin akkasumas faayinaanshiyaal invastimantiin baankilee dhuunfaa Ityoophiyaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessuu ibsaniiru.

Maaneejiing Daayrektarri Dhaabbata Ingiliz Giloobaal Shiippiing Joon Laawaasaan gamasaaniin, dhaabbanni isaanii Accaadaamii Ispoortii sadarkaa idil addunyaa kan eeggate hundeessuuf karoora qabaachuu kaasaniiru.

Abbaan qabeenyaa Hindi Aliim Taakur, dameewwan ICT, Roobootiksi, Nageenya Saayibariifi geejjiba ammayyaarratti xiyyeeffannoo kennuun daldala isaanii babal’isuuf karoorsuu ibsaniiru.

Yoonaatan Yooseeftu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.