Fana: At a Speed of Life!

ABUT Baankii Daldala damee Nifaas Maawucaatti argamu saamuun waardiyyaa baankicha ajjeese deemeera

Finfinnee, Hagayya 19, 2013 (FBC)- Gareen shororkeessaa ABUT Baankii Daldala Ityoophiyaa damee Nifaas Maawucaatti argamu saamuu fi barabadeessuun waardiyyaa baankichaa ajjeese deemeera.

Naannoo Amaaraa godina Gondar Kibbaa magaalaa Gaayinaat Nifaas Maawucaatti kan argamu Baankii Daldala damee Gabriyyee gareen shororkeessaa ABUT guutuumma guutuutti saamuun barbadeessuu hojii gaggeessaan dameechaa obbo Alamnaaw Siyyuum himaniiru.

Waardiyyaan baankichaas ajjeefamuu himaniiru.

Hidhattoonni garee shororkeessaa garichaa Birrii saamaan osoo itti hin dabalamiin kisaaraa qabeenyaa Birrii miiliyoona 1.8tti tilmaamamu qaqqabsiseera jedhan.

Maddi:-DHPI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.