Fana: At a Speed of Life!

ABUT naannollee ollaarratti itti fufiinsaan qocholaa raawwachaa jira – Biilanee Siyyuum

Finfinnee, Adooleessa 21, 2013 (FBC) – ABUT naannollee ollaarratti itti fufiinsaan qocholaa raawwachaa jiraachuu Seekreetariin Waajjirra Muummee Ministiraa Biilanee Siyyuum ibsaniiru.

Biilanee Siyyuum guyyaa har’aa miidiyaalee biyya keessaa fi alaaf ibsa laataniiru.

Gareen Shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraa fi Afaariirratti itti fufiinsaan qocholaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalatan garichi qabeenya namoota dhuunfaa saamaa fi barbadeessaa jiraachuu dubbataniiru.

Tarkaanfii dhukaasa dhaabuu gamtokkee mootummaan fudhate garichi ifatti cabsuu kaasaniiru.

Tattaaffii mootummaan deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuu fi naannichatti nagaa buusuuf taasiisa jiru gufachiisuu eeraniiru.

Gareen ABUT lammiilee Eertiriyaa buufata godaantootaa keessa jiran 6 ajjeessuus ibsaniiru.

Mootummaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu gamtokkee kabajee socho’aa jiraachuu Biilanee Siyyuum himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.