Fana: At a Speed of Life!

Afrikaa Bahaatti hongee cimaan muudachuu akka danda’u DhMG fi IGAD hubachiisan

Finfinnee, Sadaasa 10, 2014 (FBC) – Afrikaa Bahaatti hongee cimaan muudachuu akka danda’u Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa akeekkachiisa laatan.

Naannichaatti hongee cimaan muudachuu akka danda’u Dhaabbanni Sagantaa Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa fi Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa akeekkachiisa laataniiru.

Dhaabbileen lamaan Keeniyaa Naayiroobiitti argamuun ibsa waloo laataniin Afrikaa Bahaatti hongee cimaan muudachuu waan danda’uuf  hongicha qolachuuf tarkaanfiin hatattamaa kan barbaachisu ta’uu hubachiisaniiru.

Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa Bahaa Keeniyaa, Ugaandaa, Jiibutii fi Sudaan biyyoota hongeen kun muudachuu danda’u ta’uu ibseera.

Hanga Baatii Onkololeessatti lammiileen miiliyoonni 26 ol rakkoo hanqina miidhaan nyaataaf saaxilamuu eeraniiru.

Hongichi yeroo ammaa Ityoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa iddoolee tokko tokkotti miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu dhaabbileen kunneen ibsuun, osoo miidhaa hammaataan hin qaqqabin hirmaannaa taasiisuun dirqama ta’uu akeekkachiisaniiru.

Maddi:-CGTN

Naannoo Keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.