Fana: At a Speed of Life!

Afrikaa Kibbaatti balaa Awutoobisii tokkorratti mudateen lubbuun namoota 45 yoo darbu, daa’imni umrii wagga 8 tokko lubbuun oolte

Finfinnee, Bitootessa 20, 2016 (FBC) – Afrikaa Kibbaatti Awutoobisiin riqicharraa kufuun daa’ima umrii waggaa 8 tokkorraa kan hafe namoonni keessa turan 45 du’uu ibsame.

Awutoobisiin kun wayita riqicharra ce’aa jirutti toora daandii keessaa bahee akkuma hallayyaatti kufeen abiddi itti qabachuu eerameera.

Taateen kun Afrikaa Kibbaa Limpooppoo keessatti yoo ta’u, namoonni keessa turan dhimma amantiif imalarra turan.

Imaltoonni balaa kanaan dhuman kunneen magaalaa guddoo Botiswaanaa, Gaaboroonii irraa ka’anii magaalaa Mooriyaa jedhamtutti tajaajila Ayyaana Faasikaa hirmaachuuf imalaa turan ta’uu eerameera.

Bakki balaan kun itti qaqqabe karaa kaabaatiin magaalaa Johaannisbarg irraa kiiloomeetira 300 kan fagaatu ta’uu BBCn miidiyaan ummataa Afrikaa Kibbaa ‘SABC’ jedhamu wabeeffachuun gabaaseera.

Daa’imni waggaa saddetii miidhaan guddaan irra gahee lubbuun oolte ammoo wallaansaaf gara hospitaalaa geeffamuu ibsameera.

#Oromia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.