Fana: At a Speed of Life!

Agarsiifni barreeffamoota Muummee Ministiraa Abiy Ahimad mana kitaabaa Abrihootitti baname

Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC) – Agarsiifni hojiilee barreeffamoota Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad mana kitaabaa Abrihootitti banameera.

Qopheessummaa Waajjira Muummee Ministiraan agarsiifni kitaabaa mana kitaabaa Abrihootitti banamuu ibsameera.

Agarsiifni kitaabaa kun guyyaa har’aa irraa eegalee guyyoota jahaaf kan turu ta’uu eerameera.

Agarsiisicharratti “Manni Dubbisaa Muummee Ministiraa” ifoomuu ibsameera.

“Mana Dubbisaa Muummee Ministiraa” irratti kitaabileen Muummee Ministiraa Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufanii booda barreessan dhiyaachuu eerameera.

Agarsiifni Kitaabaa kun mata duree “ Jecha, Gochaafi Dhaloota” jedhuun kan qopha’e yoo ta’u aadaa dubbisuu guddisuurratti kaayyeffachuu ibsameera.

Sagantaa jalqabsiisa agarsiisa kanaarratti Hoggantuu Waajjira Muummee Ministiraafi Ministirri Dhimmoota Kaabinee Aadde Alamtsahaay Phaawuloos dabalatee hoggantoonni olaanoon biroon argamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.