Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Ayyalaan xalayaa muudamasaanii Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaaf dhiyeessan

Finfinnee, Amajjii 29, 2015 (FBC) – Gamtaa Afrikaafi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinii Diinagdee Afrikaatti bakka bu’aa dhaabbii Ityoophiyaa kan ta’an Ambaasaaddar Ayyalaa Liireen xalayaa muudamasaanii Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaamatiif dhiyeessaniiru.

Ityoophiyaan gahee Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa keessatti qabaachaa turte, qophii Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 36ffaafi dhimmoota waloo biroorratti mari’achuus ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ergaa Pireezidaant Saahilawarq Zawdeeniifi Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Dura Taa’aa Gamtaa Afrikaaf ergan ittiin gahaniiru.

Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Maahamaat, walitti bu’iinsa kaaba Ityoophiyaatti mudatee tureen deeggarsa birmadummaafi tokkummaa biyyaalessaa Ityoophiyaaf taasisaniif galateeffataniiru.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.