Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Birhaanuun Dura Taa’aa Buufata Doonii Jibuutii naannawaa Daldala Walabaa Idil Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 25, 2015 (FBC) – Jibuutiitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Birhaanuu Tsaggaayeen Dura Taa’aa Buufata Doonii Jibuutii naannawaa Daldala Walabaa Idil Addunyaa Abbubakar Oomaar Hadii waliin mari’ataniiru.

Haala tajaajila Buufataa fi Koriidara Ityoo – Jibuutii caalmaatti fooyyeessuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Akkasumas haala rakkoolee hojmaata bulchiinsa Buufata hundagaleessa Dooraalee fi Tarminaala Kaargoo Jibuutii furuun yaa’insa daddabarsaa saffisiisuuf waliigalteerra ga’aniiru.

Buufanni hundagaleessi Dooraalee fi Tarminaalli Kaargoo Jibuutii diinagdee biyyoota lamaaniif gumaacha olaanaa qabaachuu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.