Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Dirribaa Kumaa Ministeeroota Dhimma Alaa Swiidiinii fi biyyoota naannoof duula olaantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatameerratti ibsa laatan

Finfinnee, Sadaasa 26, 2013 (FBC)- Swiidiiniitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa obbo Dirribaa Kumaa ministeeroota dhimma alaa naannoo fi hoggantoota hojiitiif mootummaan duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti fudhateerratti ibsa taasisaniiru.
Ambaasaaddar Dirribaan Ministeeroota Dhimmaa Alaa Swiidiin, Noorweeyii fi Deenmaarkiif ibsicha kan taasisaan yoo ta’u, mootummaan gochaa badii ABUT raawwateerraa ka’uun olaantummaa seeraa kabachiisuuf dirqamuu ibsaniiru.
Gareen ABUT heeraa mootummaa darbuun raayyaa ittisa biyyaa Izzii kaabaarratti haleellaa qaqqabsiisu himaniiru.
Mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuun birmadummaa Ityoophiyaa kabachiisuuf barbaachisaa fi murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu kun nageenya lammiilee nagaa giddugaleessa taasisuun kan xumuramee ta’uu yaadachiisaniiru.
Ministeeroonni kunneen naannoo Tigraayiin deebisaanii dhaabuuf tattafii taasifamuuf mootummaa Ityoophiyaa akka tumsan waamicha dhiyeessusaanii ragaan Imbaasii Ityoophiyaa Swiidiinitti argamuurra argame ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.