Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Sudaan waliin mari’atan

Finfinnee, Eebla 9, 2015 (FBC)-Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan, Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Sudaan Jamaal EL Sheek waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniis haala yeroo Sudaan irratti kan xiyyeeffate ta’uu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddar Misgaanuun, Sudaanitti walitti bu’iinsa waraana biyyattii fi humna addaa biyyattii gidduutti mudate Ityoophiyaa kan yaaddessu ta’uu dubbataniiru.

Paartiiwwan obbolaan lameen gidduutti walitti bu’iinsi umame mariin akka furamu mootummaan Ityoophiyaa deeggarsa barbaachisaa taasisuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Rakkoon mudate dandeettii fi ga’umsa lammiilee Sudaaniin mariin furuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiruu.

Lammiilee fi dippilomaatonni Ityoophyaa Sudaanitti argaman eegumsa baraachisaa akka argatan amantaa qabaachuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.