Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Silashiin miseensota Mana Maree Daldalaa Ityoo – Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 12, 2014 (FBC) – Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Silashii Baqqalaan miseensota Mana Maree Daldalaa Ityoo – Ameerikaa waliin mari’ataniiru.
Mana Marichaatti miseensoota Boordii damee waldaalee waliin dhimma biyyaalessaa fi Biiznasiirratti mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Silashiin hojii riifoormii daldalaa Ityoophiyaatti hojiirra oolaa jiru ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Ityoophiyaan gabaa Agoowaarraa irra deebiin fayyadamtuu akka taatu hojjetamaa jiraachuu eerameera.
Yeroo itti aanu dhaabbileen Ityoophiyaa fi Ameerikaa walitti hidhamiinsaan akka hojjetan waliigalteerra ga’amuu ibsameera.
Ityoophiyaa fi Ameerikaan dhimmoota daldalaa fi Invastimantiirraatti waloon hojjechuuf waliigalteerra ga’amuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.