Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Taayyeen Barreessaa Paarlaamaa Kanaadaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 5, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Barreessaa Paarlamaa Kanaadaa Rooberti Oliifanti waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Ambaasaddar Taayyeen, Kanaadaan yeroo qormaataatti deeggarsaa damee hedduu Itiyoophiyaaf taasisaa jirtuuf dinqisiifatanii, hariiroo gama lamee yeroo dheeraa biyyoota lameenii guddisuun barbaachisaa ta’uun ibsan.

Hariiroo daldalaa fi invastimantii biyyoota lameenii guddisuun barbaachisa ta’uu kan kaasan Ambaasaaddar Taayyeen, abbootiin qabeenyaa Kanaadaa dameewwan dijitaalaa, albuudaa, inarjii fi maanufaakchariingiirratti akka bobba’an gaafataniiru.

Rooberti Oliifanti gama isaaniin, Kanaadaan, hariiroo alaan biyyotaa Afrikaa dursa kennituuf keessaa Itiyoophiyaan tokko ta’uu ibsan.

Kanaadaan Itiyoophiyaa waliin dameewwan daldalaa fi invastimantii, deeggarsa namoomaa, walta’iinsa misoomaa akkasumaas dameewwan biroon hariiroo qadu cimsuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Hariiroo gamlameeniitti dabalataan, biyyoonni lameen dhimmoota waloo sadarkaa Ardii fi Idil Addunyaa irratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.