Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Tafarii Mallasaa Paarlaamaa Ingiliziitti dura taa’aa garee dhimma Ityoophiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 14,2014 (FBC)- Ambaasaaddari Tafarii Mallasaa miseensa paarlamaa Ingilizii fi Paarlaamichatti dura taa’aa garee dhimma Ityoophiyaa Laawurans Roobartisan waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’ataniiru.
Marichaan Ambaasaaddar Tafariin dhimma haala yeroo naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa taasisaniiru.
Marichaanis naannichatti deeggarsi namoomaa akka taasifamuuf mootummaan murtoo waraana dhaabuu fudhatee turuu, haala deeggarsa namoomaa yeroo akkasumas haala baqqaattoota naannicha keessa jiraniirratti ibsa laataniiru.
Ambaasaaddarichi gareen shororkeessaa ABUT weerara naannoo Amaaraa fi Affaaritti taasiseen lammiileen hedduun qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu ibsuun, deeggarsi namoomaa ariifachiisaan akka taasifamuufis waamicha godhaniiru.
Dabalataanis weerarri gareen kun naannolee kanarratti raawwate Ityoophiyaafis ta’e tasgabbii gaanfa Afrikaaf yaaddessaa ta’uu eeren, miseensonni paarlaamaa Ingiliziis ta’e hawaasni idil addunyaa gocha garee kanaa balaaleffachuu akka qabu ibsuu isaanii AMN gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.