Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddaroonni Gamtaa Awurooppaa fi qaamoleen tumsitootaa hojiilee misoomaa Ityoophiyaa akka deeggaran ibsan

Finfinnee, Amajjii 30, 2015 (FBC)- Ambaasaaddaroonni biyyootaa Gamtaa Awurooppaa fi qaamoleen tumsitoota misoomaa, karooraa fi hojiilee misoomaa Ityoophiyaa akka deeggaran ibsan.

Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen, Ambaasaaddaroota Deenmaarki, Noorwey, Niwuzarlaandii fi Ambaasaaddaroota Gamtaa Awurooppaa, Eejensii Walta’iinsaa Misoomaa Faransaay fi qaamolee tumsitootaa biroo waliin mari’ataniiru.

Damee qonnaa gama ammayyeessuutiin hojilee qonna kilaastaraa irratti deeggarsi qaamolee tumsitootaa gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.

Kanaan duras hojiilee misoomaa eegalaman itti fufsiisuu fi hojiilee dabalataa eegalchisuuf akkasumaas, sirna hojmaataa ammayyeessuun hojiirra oolmaa isaa hordofuuf akka hojjetan ibsaniiru.

Ambaasaddaroonnii fi qaamoleen tumsitootaa gama isaaniin, misooma Ityoophiyaa deeggaruun, tattaaffii taasisaa turan cimsanii akka itti fufan himaniiru.

Naannawaalee walitti bu’iinsaa fi hongeen miidhaman deebisanii ijaaruu fi lammiilee dandamachiisuuf deeggarsa akka taasisan beeksisaniiru.

Qonnaan bultoonni oyiruu xiqqaa qaban kilaastaraan gurmeessuun gara intarpiraayiziitti akka guddatan taasisuuf hojiileen faayinaansii barbaaduu akka hojjetamu ibsuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.