Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddaroonni sochii indaastiriiwwan Magaala Shaggar daawwatan

Finfinnee, Amajjii 22, 2016 (FBC)-Biyyoota garaagaraatti Ambaasaddaroonnni Itiyophiyaa sochii indaastiriiwwan Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti argamanii daawwatan.

Daawwannichaarratti Ambaasaaddar Silashii Baqqalaa, Amabaasaddar Leencoo Baatii, Ambaasaddar Baacaa Dabalee, Ambaasaddar Birhaanuu Tsaggaayee fi kanneen biroon hirmaataniiru.

Ambaasaddaroonni kunneen industiriiwwan konkolaataa, dhugaatii lallaafaa fi kanneen biroon daawwataniiru.

Industiriiwwan kunniin guddina biyyaaf shoora olaanaa kan qabanii fi sharafa alaa hambisuuf gumaachaa kan qaban ta’uu eerameera.

Industiriiwwan magaalaatti keessatti argaman abbootii biyya keessaan kan gaggeeffaman ta’uun, gahee abbootii qabeenyaa biyyaa keessaa dabaluun cinaatti carraa hojii bal’aa kan uumuu ta’uun ibsameera.

Abbootii qabeenyaa alaa hawwachuun hojiillee invastimantii babal’isuun murteessaa ta’uus akeekaniiru.

Kaffaaloo Shifarraatu gabase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.