Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan biyyoota Afrikaa waliin tumsaan kan hojjettu ta’uu, Dhaabbanni Gargaarsaa Ameerikaa beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Ameerikaan biyyoota Afrikaa waliin tumsaan kan hojjettu ta’uu, Dhaabbanni Gargaarsaa Ameerikaa(USAID) beeksise.
 
Ameerikaan hidhata daldalaa Afrikaa waliin jiru cimsuuf ni hojjettis jedhameera.
 
Dhaabbatichi Baankii Yuunaaytid Afrikaa waliin hariiroo daldalaa, hirmaannaa invastimantii Ameerikaan Afrikaatti qabdu babal’isuu, karoora misoomaa Afrikaa milkessuurratti mari’atameera.
 
Dhaabbanni Gargaarsaa Ameerikaa(USAID) deeggarsa teeknikaa fi gorsaa laachuurratti waliigaleera.
 
Hariiroo daldalaa gara badhaadhinaatti guddisuurrattis waliin hojjechuuf waliigalaniiru.
 
Diyaaspooraan Afrikaa Ameerikaa jiraatan damicharratti hirmaannaan isaanii akka dabalu ni taasifamas jedhameera.
 
Waliigaltichis marii badhaadhina Afrikaa, Taanzaaniyaatti gaggeeffamerratti ifoomuu Afriikaan Biiznas Koominiitiin dubbisiisera.
 
Dhaabbatichi biyyoota Afrikaa 40 ol keessatti hojjechaa kan jiru yammuu ta’u, bara Faranjootaa 2019 qofa ogeeyyii biiznasii Afrikaa miiliyoona 14 deeggareera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.