Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti lakkoofsi namoota “Honboboleettii Iyyaan” jedhamuun lubbuu isaanii dhaban 109 qaqqabe

Finfinnee, Fulbaana 25, 2015 (FBC) – Ameerikaatti Kibxata darbee eegalee lakkoofsi namoota ” Honboboleettii Iyyaan” jedhamuun lubbuu isaanii dhaban 109 qaqqabuu ibsameera.

Namoota lubbuu dhaban keessaa 105 jiraattoota bulchiinsa Filooriidaa ta’uu isaanii CNN gabaaseera.

Kaleessa galgalaa eegalee sigiga lafaa muudateen jiraattoonni kumni dhibbi 4 ol tajaajila Elektirikaa dhabuu himameera.

Akkasumas Filooriidaatti manneen jireenyaa hedduun barbadaa’uu eerameera.

Honbobboleettichi miidhaa Doolaara biiliyoona 45.55 ga’u qaqqabsiisuu Bulchaan Bulchiinsa Filooriidaa Roon Deessaantiis ibsa miidiyaaleef laataniin himaniiru.

Gama biroon miidhaan qabeenyaa Filooriidaatti qaqqabe Doolaara biiliyoona 60 ga’uu isaa Waashingitan Poosti gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.