Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 25 darbe

Finfinnee, Amajjii 17, 2013 (FBC ) –Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 25 darbeera.

Akka ragaa Joon Hoopkiinsitti hanga ammaatti biyyatiitti namoonni miiliyoona 25 fi kuma 3 fi 695 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, namoonni kuma 400 fi kuma 17 ammoo lubbuun isaanii vaayrasichaan darbeera.

Wayita ammaa gosti vaarasii koroonaa haaraa mul’achuun kan ibsame yoo ta’u; biyyoota hedduutti muldhachaa jira. kanaanis, Ameerikaan sodaa keessa jirti.

Haata’uuti, Preezdaanti Joo Baaydaan oomisha talaallii babal’isuuf, yaaliwwan olkaasuu fi manneen barnoota banuu irratti kan xiyyeeffate ajajoota 10 mallattoo isaaniin ragga’aniiru.

Giduugalli too’annoo fi ittisaa dhibee akka beeksiseetti hanga baatii Faranjoota Amajjii 23tti lammiileen Ameerikaa miiliyoona 3 ol talaallii vaayrasichaa fudhachaa jiru jedhameera.

Hanga ammaatti sadarkaa addunyaatti namoonni miiliyoona 99 fi kuma 700 fi kuma 74 vaayrasichaan yoo qabaman, namoonni miiliyoona 2 fi kuma 100 fi kuma39 amma lubbuun darbaniiru.

Namoonni miiliyoona 71 fi kuma 700 fi kuma 62 ammoo vaayrasicharraa dandamataniiru.

Maddi;- CGTN fi Woorlid O Meetri

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.