Fana: At a Speed of Life!

“Amma fayyaa guutuun qaba; ummatakoo na iyyaafates nan galateeffadha” – Dooktar Artiist Alii Birraa

Finfinnee, Amajjii 18, 2013 (FBC ) – Ji’oota muraasa dura hangafti artistootaa, qaroon, ibsituu fi eenyummaan aartii Oromoo darbees kan Ityoophiyaa Dooktar Artiist Alii Birraa dhukkubsatee Dubaayitti yaalamaa tureera.
Kanaanis haala ummanni Oromoo hundi jechuun danda’amuun afaan tokkoon Waaqa kadhataafi tureera.
Waaqni kadhaa Oromoo dhaga’uun artistiin hangaftichiifi qaaliin kun fayyee waltajjiitti deebi’eera.
Waltajjii misoomaa fi nageenyaa Orosomaalee kaleessa Sharatanitti adeemsifamerratti akkuma duriisaa sagaleesaa kiloolee sanaan hirmaattota sagantichaa afaan lamaaniin sirbee bo’aarsuurra darbee preezdaantonni naannolee lamaanis waltajjiitti ba’anii dhaabatanii harka rukutuufif dirqamaniiru.
Turtii gaaxeexaa Bariisaa waliin taasisaniin, baasii guutuu Mootummaan Oromiyaa akkasumas, deggarsa olaanaa abbaan qabeenyaa ‘Birraa Coffee’, Bayyaan Ibroo taasisaniifiin yaalamee amma fayyaa guutuurratti argamuu dubbata.
Dhibeen isaas ujummoo dhiigaa miila bitaa cufamuu akkasumas onnee turuu kaasee, lamaan isaaf iyyuu wal’aansa baqasanii hodhuu taasifachuun fayyuusaa ibsa.
Hospitaala ciisee turettis lammiileen Oromoo hedduu isa gaafachaa turuu fi biyya keessaa namni baay’ee bilbilaan isa iyyaafachaa, inni kaan ammoo kadhachaafii turuu kan eeru Artisti Aliin, ummata akka ilmoosaatti isa ilaalee iyyafataa ture hundas galateeffateera.
Fuuldurattis “Kanan hojjedha jedhee waanin karoorfadhee karoorfate harkaa qabu hinqabu.
waan narraa eegamu akkuma durattii, isas caalaa ummatakoo tajaajiluuf nan tattaafadha” jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.