Fana: At a Speed of Life!

Appilikeeshiniin tuttuqaa namootaa adda baasuu ifoome

Finfinnee, Caamsaa 26, 2012 (FBC) -Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa appilikeeshinii bilbilaa moobaayilaa “Daboo” jedhamu kan tuttuuqqii namootaa adda baasu ifoomse.
 
Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa appilikeeshinii bilbilaa moobaayilaa tuttuuqqii namootaa adda baasuun weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf gargaaru ifoomsera.
 
Appilikeeshiniin tuttuuqqii namootaa adda baasuu kun qunnamtii biluutuziin bilbilaa saaquudhan bilbilichi protookoolii biluutuuz ofii isaa fayyadamuudhaan namoonni dhiyeenyaa meetiraa lamaa gadii walitti dhiyaatan lakkoofsaa dhunfaa bilbilaa isaani irra jiru akka waljijjiiraan kan taasisuudhas jedhameera.
 
Lakkoofsi kunis bilbila namoota lameen irraa icciitidhaan kan ta’u yoo ta’u gareen tuttuuqqii namoota adda baasuu bilbilaa nama dhibee vaayrasii koroonaan qabame fayadamuudhaan appilikeeshinii ‘’Daboo” jedhamu kana irraa lakkoofsa adda baafachuudhaan namoota nama dhibee vaayrasii koroonaan qabamee kana waliin tuttuuqaa qaban adda baasuudhan of eggaannoo barbachiisuu akkasumas to’annoon akka taasifamuuf ta’a.
 
Appilikeeshiniin Daboo jedhamu kun oolmaa namoota galmeessuu kan danda’u yoo ta’u namoota naannoo keenyatti saaxilamoo fi tuttuuqaa qaban bilbila Andirooydii hin fayyadamne guyyaa guyyaadhan galmee irratti lakkoofsa bilbilaa, maqaa fi koorniyaa isaanii galmeessudhan salphaatti akka adda baafaman gargaara jedhameera.
 
Hawaasnis appilikeeshinii Daboo kana marsariitii https://debo.ephi.gov.et jedhu irraa fudhaachuun bilbilaa isaa irratti fe’uun dhibee vaayrasii koroonaa irraa akka of eguu Iniistitiyuutichii waamicha dhiyyeesera.
 
Appiliikeeshinichaa erga bilbila isaani irratti fe’ani Intarneetii saaquun ulaagaa isaa guutani fiixuu akka qabanis hubachiseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.