Fana: At a Speed of Life!

Asallaatti fiigichi guddicha “Gumaata Xiiqii” gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2016 (FBC)-Godinni Arsii fi Magaalaan Asallaa walta’uun fiigicha guddicha “Gumaata Xiiqii” gaggeessaniiru.

Fiigichichi Bitootessa 24 guyyaa Hidhi Guddichi Haaromsa Itoophiyaaf dhagaan bu’uuraa itti kaa’ame sababeeffachuun ta’uu Bulchaan Godinichaa Obbo Ibraahim Kadiir eeraniiru.

Kaayyoon guddaan fiigicha kanaa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa xumurarraa gaheef sagantaa galii walitti qabuutis jedhan.

Kantiibaan Magaalaa Asallaa Obbo Simee Tsaggaayee gama isaaniin Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa injifannoo Itiyoophiyaa qofa osoo hintaane Injifannoo Afrikaanotaatis jedhanii, hanga xumuramuttis akkuma kanaan duraa deeggarsa taasisuun barbaachisaa ta’uu dhaaman.

Saganticharratti Kutaaleen hawaasaa Godina Arsii fi Magaalaa Asallaa hirmaataniiru.

Hirmaattonni sagantichaan Hidha Haaromsa akkuma eegalletti ni xumurra jechuun hirmaannaa gama hundaan barbaachisu taasisuu kan itti fufan ta’uu himaniiru.

Fiigicha kanarrattis hirmaattota 1-4 bahaniif waraqaan ragaa fi beekkamtiin kennameera.

Abdallaa Amaantu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.