Fana: At a Speed of Life!

Atileetota Meedaaliyaa Warqee tokko qoddatan

Finfinnee, Hagayya 18, 2015 (FBC)- Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti Atileetii lammii Ameerikaa Keetii Muunii fi Atileetiin lammii Awustiraaliyaa Niinaa Keeneediin dorgommii utaalcha uleetiin atleetota walmorkataniidha.

Niinaa Keeneediin fi Keetii Muuniin dorgommii utaalchoo ulee kanarratti qabxiin isaanii walqixa ta’eera.

Lameen isaanii dorgommii ijibbaachisaa sa’aatii 2 fi daqiiqaa 10 fudhateen, si’a sadii utaalchaa taasisaniin qabxii walqixa fiduu danda’aniiru.

Eenyu akka injifate addaa baasuuf carraa morkii biraa gaggeessuu qabu turan.

Garuu morkii biraa gaggeessuurra Meedaaliyaa Warqee argamu qooddachuuf murteessuu ragaan World Athletics irraa argame ni mul’isa.

Atileet Muun “Yeroo dorgommiin xumuraa jalqabutti meedaaliyaa Warqee qooduun na fayyada jedhee hinyaadnen ture . Amma garuu hedduu itti gammadeera” jette.

Niinaa Keeneediin yeroo meedaaliyaa Warqee argachuu ishee mirkanaa’u, imimmaan qabachuu hindandeenye.

Lameen isaanii Meedaaliyaa Warqee qooddachuu isaaniitti gammachuu isaanii ibsuuf walhammatanii turan.

Kanaan dura Meedaaliyaa Warqee tokko qooddachuun, Olompikii Tookiyoorratti bara Faranjootaa 2020 irratti Atileetii Kuwaataar Mutaaz Eessaa Barshimii fi Atileetiin Xaaliyaanii Giyaanmarkoo Taamberii utaalchaa dheeraan meedaaliyaa Qarqee qooddatanii turuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.