Fana: At a Speed of Life!

Atleetoonni Ityoophiyaa fiigicha Maaraatoonii Istookhoolimitti fiiggame koorniyaa lamaaniinuu injifatan

Finfinnee, Caamsaa 28, 2015 (FBC) – Atleetoonni Ityoophiyaa fiigicha Maaraatoonii Siwiidiin Istookhoolimitti fiiggame koorniyaa lamaaniinuu injifataniiru.

Koorniyaa lamaaniinuu sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa qabachuun xumuraniiru.

Fiigicha dubartoota gidduutti gaggeeffameen Atleet Siifan Malaakuu 1ffaa, Atleel Sooroomee Nagaash 2ffaa fi Atleet Yeneenash Dinqeessaa 3ffaa ba’uun xumuraniiru.

Doorgommii dhiiroota gidduutti gaggeeffameen ammoo oAtleet Ashannaafii Mogasa 1ffaa, Atleet Daraaraa Hurisaa 2ffaa, Atleet Tsaggaayee Makonniin sadarkaa 3ffaa ba’uun xumuraniiru.

Fiigicha walakkaa Maaraatoonii Ispeen Albaaseetteetti gaggeeffameen Atleet Kaasaanash Baazee injifatteerti.

Akkasumas Fiigicha walakkaa Maaraatoonii Neelsan Maandeellaa Afrikaa Kibbaatti gaggeeffameen Atleet Baqqalachi Waariyoo sadarkaa 3ffaan golobdeerti.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.