Fana: At a Speed of Life!

Atleetota dorgommiiwwan idil addunyaarratti hirmaataniif qorannaan dooppiingii eegale

Finfinnee, Fulbaana 5, 2013 (FBC) – Atleetota dorgommiiwwan idil addunyaarratti hirmaataniif qorannaan dooppiingii gaggeeffamuu eegaleera.
 
Waajjirri Farra Si’eessituu Biyyoolessaa Ityoophiyaa, Yuuniitii Intagriitii Atleetiksii Idil Addunyaa waliin ta’uudhan qorannaan dooppiingii laatamuu eegaleera.
 
Qorannichis atleetota buleeyyii 150 ta’aniif kaleessa Fulbaana 4,2013 eegalee laatamuu eegaleera.
 
Hojii qorannaa kanaan atleetota buleeyyii dhuunfaa fi biyya isaanii bakka bu’anii dorgomaniif duursi laatamuun ibsameera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.