Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanichi yeroo itti waliif yaannuu fi rakkoowwan nu muudataan waliin ce’uuf yeroo itti wal deeggarru akka ta’uun hawwa-obbo Dammaqaa Mokonniin

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2013 (FBC)- Ayyaanni Moolidaa ‘yeroo itti waliif yaannuu fi rakkoowwan nu muudatan waliin ce’uuf yeroo itti wal deeggarru akka ta’uun hawwa’ jedhan itti aanaan Muummee Ministira obbo Dammaqaa Mokonniin.

Obbo Dammaqaan ergaa baga ayyaana Moolidaa 1495ffaan isiin ga’ee dabarsaniiru.

Ergaa isaaniitiin baga dhalootaa Nabiyyuu Mohaammad Waggaa 1495ffaaf isiin ga’ee, hundi keenyas baga waliin geenye jedhaniiru.

Dabalataniis uummattoota biyya keenya waliin tokkummaa keenya yeroo itti cimsinuu akka ta’uun hawwa jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.