Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Irreechaa rakkoo tokko malee akka kabajamuuf qophiin xumuramuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 20, 2015(FBC)- Ayyaanni Irreechaa rakkoo tokko malee karaa nagaan akka kabajamuuf qophiin xumuramuu Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Komishiniin Poolisii Oromiyaa ibsan.

Ayyaanichi rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajamuuf hojiilee hojjetaman irratti Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Komishiniin Poolisii Oromiyaa ibsa laataniiru.

Ayyaanichi karaa nagaan kabajamee akka xumuramuuf Poolisiin Federaalaa, Magaalaa Finfinneefi qaamoleen nageenyaa naannoo Oromiyaa waloon hojjechaa jiraachuu ibsichaan eerameera.

Hogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa Komishinar Jeneraal Kaffaaloo Tafarraan, Ayyaanni Irreechaa bara kanaa karaa naga qabeessa ta’een kabajamee hanga xumuramutti qaamolee nageenyaa fi hawaasa waliin ta’uun qophii barbaachisaan taasifameera jedhan.

Ayyaanni Irrecha Hora Finfinnee fi Hora Harsadii rakkoo nageenyaa tokko malee akka nagayaan kabajamuufi nageenyi namoota irrechaaf bahanii akka eegamuuf teeknoloojiin yeroo jalqabaatiif kan deeggaramedha jedhan.

Hawasni qaamolee badii ayyaana kana booressuuf deeman irratti shakkii qabu yoo arge karaa bilbila bilisaa 9909 bilbililuun eeruu akka kennuus gaafataniiru.

Sirni kabaja ayyana kanaa karaa nagaa fi obbolummaatiin akka kabajamuuf namoota kabaja ayyaana irrechaaf bahan nayeenya isaanii eeguuf qaamolee nageenyaa waliin qophiin barbaachisaan xumuramuu komishinar jeneraal Kaffalaw Shifarraa himaniiru.

Guyyaaan kun guyyaa galataa ta’uu isaatiin hawaasni hanga kabjni ayyaana irrechaa xumuramutti hirmaannaa isarraa eegamuu taasiisuu akka qabus dhaamanii jiru.

Komishinarri Komishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa gamasaaniin,  Irreechi rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajamuuf qaamoleen nageenyaa, hawaasa, abbootii gadaa fi haadholii siinqee waliin ta’uun nageenyummaan isaa kan eegamu ta’a jedhan.

Nageenya ayyaana Irrechaatiif sakatta’iinsi bakka adda addaatti kan taasifamuu fi Ayyaanni irrechaa Hora Finfinnee fi Bishooftuu karaa nagaadhaan akka xumuramuuf qophiin barbaachisaan xumurameera jedhan.

Baahiluu Baaneetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.