Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Moolidaa waggaa 1495ffaan guutuu biyyaatti kabajamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2013 (FBC)- Ayyaanni Moolidaa waggaa 1495ffaa guutuu biyyaatti hordooftootaa amantaa Islaamaan kabajamaa jira.

Ayyaanni Moolidaa dhaloota Nabiyyuu Mahaammad 1495ffaa akka biyyaatti hordooftootaa amantichaan kabajamaat kan jiru.

Keessattu magaalaa Finfinneetti ayyaanni Moolidaa 1495ffaa bakka hawaasni Musiliimaa muraasni argamanitti Masjiida Anwaaritti kabajamaa jira.

Ayyaanichi vaayrasii koroonaarra of eeggannoo taasisuun kabajamaa kan jiru.

Kabajaa ayyaanichaarrattis itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee argamaniiru.

Aadde Adaanach, Masjiida guddicha Anwaaritti argamuun ergaa baga geessanii dabarsaiiniru.

Nageenyi magaalaa keenya akka eegamuuf shoorrii hawaasni Musiliima ba’aata turee olaanaadha jedhaniiru.

Preezdaantii Mana Maree Ulamoota Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Edriis, erga dabarsaniin dhalli namaa guyyaa gammachuusaa bifa gargaraan kabajataa, nutis har’a guyyaa dhaloota Nabiyyuu Mahaammad kabajaa jirra jedhaniiru.

Nabiyyuu Mahaammad biyya lafaarra wayita turan addunyaarratti namoota hedduu waliin wal arganiiru, waraanni yeroo dheeraas akka dhaabbatuu taasisaniiru jedhan.

Nabiyyuu Mahaammad tokkummaan akka cimuu, ergamaa nageenyaa labsaniifi walqixxuumman akka mirkana’uus taasisaniidha kanafiis isaan hordofuu qabna jedhaniiru.

Ayyanichi magaalaa Finfinnee Masjiida Anwaarittis bakka hordoofftooni amantichaa fi kessuummoonni waamichi taasifameef argamaniitti kabajamaa jira

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.