Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Addunyaa Ityoophiyaaf liqaa Doolaraa Ameerikaa miiliyoona 500 raggaasise

Finfinnee, Bitootessa 22, 2013 (FBC)-Baankiin Addunyaa karooraa waliinga’insa humna elektirikaa Ityoophiyaan qabatte milkeessuuf liqaa Doolaraa Ameerikaa miiliyoona 500  raggaasiseera.

Karoora Ityoophiyaan bara 2025 dhiyeessii humna elektirikaa qabattee milkeessuuf liqaa doolaraa miiliyoona 500 Baankiin addunyaa karaa Waldaan Misoomaa Idil Addunyaatin raggasiseera.

Baankiichi Mootummaan Ityoophiyaa waggoota kurnaan darbanitti waliinga’insaa fi dhiyeessii humna elektirikaatin bu’aa gaarii argamsiisuun ibseera.

Haa ta’u malee lammiileen Ityoophiyaa walakkaa ol ta’a keessahuu hawaasa baadiyaaf humni elektirikaa dhiyaachuu akka hin dandeenyee baankiichi ibseera.

Kunis hiyyummaan akka itti fufuu, fedhiin bu’uraalee hawaasummaa fi diinagdee akka hin milkoofne akkasumaas filannoowwan akka hin jiraanne taasiseera.

Deeggarsichi qaama sagantaa waliin ga’insaa humna elektirikaa biyyoolessaa Ityoophiyaa ta’uu baankichi ibseera.

Proojaktichi lammiilee miiliyoona 5 ta’aanii, interapraayizoota kuma 11 fi 500, dhaabbilee barnootaa fi fayyaa kuma 1 fi 400f humna elektirikaa dhiyeessuu kan kayyeefatedha.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.Komishinicha

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.