Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Biyyaalessaa Indaastirii Oomishaa faayinaansiin deeggaruuf fooyya’iinsa garaagaraa taasisaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Eebla 30 , 2015(FBC)- Baankiin Biyyaalessaa Ityoophiyaa Indaastirii Oomishaa faayinaansiin deeggaruuf fooyya’iinsa garaagaraa taasisaa jiraachuu ibseera.

Mariin paanaalii mata duree “Waliinga’iinsa Faayinaansii Damee Indaastirii Oomishaaf” jedhuun gaggeffamaa jiraachuu ibsameera.

Baankichi Indaastirii Oomishaa deeggaruuf fooyya’iinsa garaagaraa taasisaa jiraachuu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Iyoophiyaa Obbo Maammoo Mihiratuun eeraniiru.

Diinagdee maakiroofi gabaa tasgabbaa’aa uumuuf, sirna sharafa alaa sirreessuufi fayyaalessummaa damee faayinaansii mirkaneessuuf akkasumas waliingahiinsaafi haqummaa sirna liqaa irratti baankichi hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Pireezidaantiin Baankii Misoomaa Ityoophiyaa Dooktar Yohaannis Ayyaaleewu gamasaaniin, Baankiin Misoomaa Indaastirii Oomishaafi damee qonnaaf xiyyeffannoo addaa kennee hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Dhala xiqqaan liqa dhiyeessuurraa eegalee damichaaf tajaajila faayinaansii gahaafi si’ataa kennuuf dameeleen hojii haaraan hundeeffamuu eeraniiru.

Bara baajataa 2015 qofaatti indaastirii oomishaaf liqiin Birrii biiliyoonni 30.2 kennamuu ibsaniiru.

Marii paanaalii kanarratti hoggantoonni dhaabbilee faayinaansii, abbootiin qabeenyaafi qaamoleen qooda fudhattootaa biroon argamuu ragaan baankicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.