Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daashin proojaktii carraa hojii uumu Birrii miiliyoona 100 ifoomse

Finfinnee, Muddee 16, 2012 (FBC) – Baankiin Daashin proojaktii carraa hojii uumu Birrii miiliyoona 100 ifoomseera.

Proojaktiin moggaasa ‘Ityoophiyaa taalant paawar siiryes’ jedhamu argate kun hojii uumuu kan jajjabeessu, lammiilee dandeettii qaban deeggarsa maallaqaa kan taasisuu fi hoji dhabdummaa ni fura jedhameera.

Hojiirra oolmaa karoora fooyya’insa diinagdee biyyattiif shoora olaanaa ni ba’ata jedhameet eegama.

Proojaktichi bara kana magaalota filataman 6 keessatti hojiirra kan oolu ta’uu baankichi beeksiseera.

Lammiileen piroojaktichaan fayyadamoo ta’an leenjii ijaarsa dandeettii fi carraa hojii uumuu kan argatan yoo ta’u, hojii eegaluuf kan isaan dandeessisu baankichi ni deeggara jechuun Awwal Abarratu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.