Fana: At a Speed of Life!

Baatii Fulbaana keessa Keellawwan 6 ni banamu

Finfinnee, Fulbaana 11, 2013 (FBC) – Baatii Fulbaana keessa Keellawwan 6 kan banamu ta’uu Ejansiin Galmeessa Ragaalee Bu’uraa fi Immigreeshinii lammummaa beeksise.
 
Keellawwan kunneenis daangaawwan Beenishaanguul Guumz, Gaambeellaa, Soomaalee fi Kibbatti ta’uu itti aanaan daayreektaraa olaanaa Ejansichaa obbo Taammiruu Ubatuun ibsaniiru.
 
Ityoophiyaan bal’ina daangaa qabduun keellawwan yeroo ammaa jiran 12 irratti lakkoofsa keellawwan daangaa dabaluun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
 
Namoota karaa seeraan alaan daangaawwan biyyoota alaa ce’uun gara Ityoophiyaa galan too’achuuf keellawwan akka banaman kallattiin kaa’amuu himaniiru.
 
Ejansichi naannoolee waliin ta’uun keellawwan daangaa banuuf qorannoo taasisaa jiraachuu obbo Taammiruu ibsaniiru.
 
Keellawwan qorannoon adda ba’an keessa 6 xumura baatii Fulbaana guutumaan Guutuutti ni banamu jedhaniiru.
 
Keellawwan kunneen sadarkaa idila addunyaan tajaajila akka laatuuf hojiin bu’uraalee misoomaa guutuu hojjetama jira jedhan.
 
Maddi:- TOI
Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.