Fana: At a Speed of Life!

Baatii sadi keessatti Birriin miiliyoonni dhibbi 6 ol ijraarsa Hidha Haaromsaaf walitti qabame

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti baatii sadi keessatti Birriin miiliyoonni dhibbi 6 ol ijraarsa Hidha Haaromsaaf walitti qabame.
 
Waancaan Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa kutaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee garaagaraa keessa naanna’aa jira.
 
Kutaa bulchiinsa magaalaa kanneeniitti sagantaan galii walitti qabuu gaggeeffamaa jira.
Bulchiinsi magaalaa bara baajataa 2013 waliigala Birrii miiliyoona dhibba 7 walitti qabuuf karoorfatee baatii sadi keessatti qofa Birrii miiliyoona dhibba 6 ol walitti qabuu sadarkaa itti aanaa Kantibaatti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa Obbo Zhaanxiraar Abbay ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.