Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan lamaan darbanitti manneen jireenya harqa qalleeyyii 600 olii haareffamaniiru

Finfinnee, Hagayya 3, 2012 (FBC) –Baatiwwan lamaan darbanitti manneen jireenya harqa qalleeyyii 600 olii haareffamaniiru.

Itti aanaan kantiiba magaalaa Finfinnee Injaanar Taakkalaa Uumaa fuula Feesbuukiisanirratti akka beeksisanitti baatiwwan lamaan darbanitti manneen jireenyaa harka qalleeyyii 600 oliif qaamoolee tola oltootaa waliin ta’uun haaromsuu beeksaniiru.

Bayyeen har’as deeggarsa keenyaa fi keessan ni barbaadu jedhaniiru.

Kanafiis jiraattota magaala keenyaa ofii keenyaarra dabarsinee deeggaruu qabnas dhaamaniiru.

Ollaan keenya ni deeggara warreen manni jireenya isaanii jala miidhames waliin taanee hundii keenya ni haaroomsinaaf jechuun waamicha dhiyeessaniru.

Kan nuti xiqqoodha jennee yaannuu isaaniif hiikkaa hedduu qaba jechuun dubbataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.