Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan saddeetiif gufatee kan ture diriirsi sarara baaburaa lafarraa Awaash- Kombolchaa – Gabaa Haaraa hojii eegale

Finfinnee, Amajjii 19, 2013 (FBC)- Kaffaltii beenyaatin wal qabsiisee baatiwwan saddeetiif gufatee kan ture diriirsi sarara baaburaa lafarraa Awaash- Kombolchaa – Gabaa Haaraa rakkichi furamuun hojii kan itti fufuu ta’uu hoji gaggeessaan proojaktichaa Injinaar Abdulkariim Mahaammad ibsaniiru.
Qaama proojaktichaa kan ta’ee fi rakkoo dhiyeessii humna elektirikaatin ijaarsii boqonnaa jalqabaa xumuramee tajaajila malee kan turee sararri baaburaa lafarraa Awaash- Kombolchaa – Gabaa Haaraa dhiheenyaatti hojii eegalchiisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Hoji gaggeesichi boqonna lamaan hojjetamaa kan jiru Awaash- Kombolchaa – Gabaa Haaraa diriirsi sararaa baaburaa lafarraa kiilo meeterri 390 bara 2007 kan eegalee yoo ta’u, bara 2012 xumuramuuf karoorfamee akka ture ibsaniiru.
Diriirsi sararaa baaburaa Awaash- Kombolchaa – Gabaa Haaraa boqonna 2ffaan kiilo meetiraa 122 kafaltiin beenyaa wal qabsiisee waliigalteen dhabamuun hojiichatti gufuu ta’ee turu ibsameera.
Rakkicha furuuf kallattii mootummaan ka’een qonnaan bultoota 480f beenyaa dabalataa Birrii miiliyoona 100 kaffaluun ijaarsi boqonnaa marsaa 2ffaa gufatee ture baatii darbee eegaleera jedhan.
Proojaktiin baaburaa lafarraa Awaash- Kombolchaa – Gabaa Haaraa kan raawwaatamu Doolaara Ameerikaa Biiliyoonni 1.7tiin ta’uu beekameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.