Fana: At a Speed of Life!

Balaawwan ibiddaa lama kaleessa galgala mudateen qabeenyi barbadaa’e

Finfinnee, Guraandhala 3, 2015 (FBC)- Balaa ibiddaa lama kaleessa galgala mudateen qabeenyi barbadaa’uu Komishiniin Hoggansaa Soda Balaa fi Ibiddaa Finfinnee beeksise.

Kaleessa galgala Finfinnee Kutaa Magaalaa Araadaa Aanaa 5tti balaa ibiddaa sa’aatii 2:53 mudateen manneen daldalaa 13 gubachuun ibsameera.

Gama biraatiin Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Buraayyuutti balaa ibiddaa sa’aatii 2:15 irratti mudateen sheedii oomisha nyaataa beeyladootaa fi cuunfaa zayitaarraa miidhaan qaqqabeera.

Balaawwan lameen babal’atee balaa hammaataa utuu hinqaqqabsiisiin to’achuun akka danda’ame ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Balaawwan lameen miidhaan nama irraan ga’an kan hinjirree eeruun tilmaamni qabeenya barbadaa’ee fi ka’umsi balichaa qoratamaa jiraachuun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.