Fana: At a Speed of Life!

Bara kana lammiilee miiliyoona 25 oliif waraqaa eenyummaa biyyaalessaa laachuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Fulbaana 18, 2016 (FBC) – Bara kana lammiilee miiliyoona 25 oliif waraqaa eenyummaa biyyaalessaa laachuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Sagantaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa beeksise.

Hanga ammaatti lammiileen miiliyoonni 3 ol waraqaa eenyummaa biyyaalessaa fudhachuuf galmaa’uu ibseera.

Waggoottaan sadan itti aanaan lammiilee miiliyoona 90f waraqaa eenyummaa biyyaalessaa kennuuf karoorfamuu himeera.

Waraqaa eenyummaa biyyaalessaa waraqaa eenyummaa gandaan bakka buusuuf osoo hin taane kennitoonni tajaajila eenyummaa Diijitaalaa laatan eenyummaa namoota dhuunfaa akka adda baasaan tilmaama keessa galchuun kan qophaa’e ta’uu eerameera.

Lammiileen yeroo fi bakkaan osoo hin daanga’in mala elektirooniksiin tajaajila adda addaa akka argatan gochuu keessatti Waraqaan Eenyummaan biyyaalessaa gahee olaanaa qabaachuu Itti Aantuun Daayrektara Olaantuu waajjirichaa Raaheel Abrahaam ibsaniiru.

Waggoottaan sadan darban Tajaajila Waraqaa eenyummaa biyyaalessaa hojiira oolchuuf yaalamaa turuu eeruun, bara 2015 labsiin ragga’uun gara hojiitti galamuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.