Fana: At a Speed of Life!

Barattoonni barnoota digrii 2ffaa fi 3ffaa barnoota isaanii xumuraa jiraachuu himame

Finfinnee, Caamsaa 20, 2012 (FBC) – Dhaabbileen barnoota olaanoo barattootasaanii barnoota digrii 2ffaa fi 3ffaa xumursiisu eegalan.

Sabaaba COVID -19 barnoota digrii 2ffaa fi 3ffaa teeknooloojiin deeggaruun barattoonni barnootasaanii akka hordofanii fi gorsisoota isaanii waliin akka walarganiif haalaa mijataa uumuun barnoota isaanii xumuruu eegalaniiru.

Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanootti daayreektara dhimmoota akkaadami waliigala kan ta’an Dooktar Eebbaa Miijanaa, sirni eebbaa jiraachuu baatuus yuunivarsitoonni Jimmaa fi Haromayaa barattoota isaanii barnoota hordoofa turan xumursiisu eegaluu himaniiru.

Yaa ta’u malee barattoonni barnoota hin xumurrees jiraachuu himaniiru.

Barattoonni barnoota isaanii hin xumurree maloota itti fayyadama teeknooloojii sirnaan waan hin fayyadamneefi jedhaniiru.

Dhuma bara kanatti barattoonni digrii jalqaba sabaaba weerarichaaf waan hin baranneef, tokko tokkoo ammoo qormaata jalqaba waan hin qoramneef ganna kana barattoonni barnootasanii xumuraanis jiraachuu Dooktar Eebbaan dubbataniiru.

Ta’us haalaa barnoota dhufuu irratti hundaa’uun weerarrichi yoo dhaabbatee wantaa godhamuu qabu torbe torbeen hooggantoota dhaabbiilee barnoota waliin gamaggaamni taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Sabaaba weerarichaaf barnooti akka addaa cituu taasisuun dhaabbiileen barnoota barattoonnii isaanii mana ta’uun sanadoota barnoota dubbisaan akka keennanniif kallattiin ka’amee akka turee eeraniiru.

Kana cinattiis maloota teeknooloojii barattoota hunda waliin ga’uuf tattaffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Barattoonni barnoota digrii 2ffaa ammoo dhaabbilee barnoota isaaniin kan ergamuu sanadoota barnoota akka dubbiisan dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.