Fana: At a Speed of Life!

Barattoonni haaraan Yuunvarsiitti ramadaman guyyaa har’aarra kaasee komii qaban dhiyeeffachuu akka danda’an ibsame

Finfinnee, Eebila 25, 2013 (FBC) –Barattoonni haaraan Yuunvarsiitti ramadaman guyyaa har’aarra kaasee komii qaban dhiyeeffachuu akka danda’an Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo beeksise.

Ministeerichi barattoota qaamaan komii dhiyeeffachuuf dhaqan akka hin keessummeessine himeera.

Ministeerri Saayinsii fi Barnoota olaanoo ramaddii barattootaa Yuunvarsiistii bara 2013 Ebla 21,2013 ifoomsuun isaa ni yaadatama.

Haaluma kanaan baratoonni ramaddii irratti komii qaban Ebla 25,2013 hanga Ebla 28,2013tti dhiyeeffachuu akka danda’an beeksiseera.

Barattoonn komii dhiyeeffatan qaamaan dhaquun osoo hin barbaachifne marsariitii Ministeerichaa

https://forms.gle/Jt9L7F2EDDC62YLQ7፣ bilbila +251911763794 fi +251943543805 akkasumas Email:- support@ethernet.edu.et

dhiyeeffachuu akka danda’an beeksiseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.